Oromo

Bitootessa 1, 2022

Ollaawwan Naannoo Handaara Rainier (Rainer Beach Neighborhood Neighbors):

Ijaarsi Manaa Mt Baker (Mt. Baker Housing) lafa kibba baha Buufata Baaburaa Salphaa Handaara Rainer (Rainier Beach Light Rail Station) Daandii 9236 Renton Ave S’tti argamu bal’inni isaa tilmaamaan 3.3 acres kan ta’e fudhatee ijaarsa irratti eegalee jira. Bittaan kun Wiirtuu Yaalumsaa Thunderbird duraanii, wiirtuu meeshaaleen yaalumsa ciisanii yaalamuu qabeenyummaan isaa duraanii kan Boordii Fayyaa Seattle Indian ta’e, ni dabalata. Yeroo ammaa sadarkaa karooraa jalqabaarra otuma jirruu maqaa piroojektichaa “Thunderbird” jennee waamna.

Piroojektiin kun gamoowwan xixiqqaa baay’ee bifa manduubee mana jireenya maatii hawaasaa lakkoofsaan tilmaamaan 233 ta’an ijaaruu kan dabalatudha. Kunis namoota Naannoo Galii Giddu galeessaa qaban keessaa harka 60% kan ta’an kanneen yeroo ammaa kana Seattle keessatti namni miseensa maatii afur qabu galii $71,640 gitu argatan kan fayyadudha. Karoorri amma piroojektichaaf jiru mana istuudiyoo (kutaa tokko), kutaa ciisichaa-1, kutaa ciisichaa-2, kutaa ciisichaa-3, fi kutaa ciisichaa-4, kutaawwan hangi 50% maatiif akka ta’aniif yaadameera. Piroojektiin kun bakka daldalaa hin qabu garuu gamoo giddu galeessaa kan kutaa tajaajila hawaasummaaf ta’u, bakka dhaabbii konkolaataa gahaa ta’e, fi jiraattotaaf bakka taphaa manaa alaa ni dabalata.

Bittaan piroojektichaa gartokkeen Waajjira Manneenii Magaala Seattle ’tiin kan haguugame dha. Ijaarsi manaa Mt Baker (Mt Baker Housing) kibba baha Seattle ‘tti manneen jireenya gatii madaalawaatiin dhiyeessuu fi bakka jireenyaa fayyummaan isaa eegame dhiyeessuuf kutannoon isaa itti fufeera. Galtee fi hirmaannaa hawaasa naannoo ni simanna, ni jajjabeessinas. Ijaarsi manaa Mt. Baker (Mt. Baker Housing) manneen madaalawaa ta’an jiraattota Kibba baha Seattle ‘f dhiyeessuuf carraa biraa argachuu isaaf ni galateeffata.

Waa’ee piroojektii dinqisiisaa kanaa gaaffii kamuu yoo qabaattan, maaloo Alisha Dall’Osto ‘tiin [email protected] yookiin 206-712-1519 irratti argachuu irraa hin ittifamiinaa. Walgahiin hawaasaa marsariitiin (virtual) taasifamu kan qabame gaafa: July 21, 2022, Dabalataanis, walgahii hawaasaa marsariitii (virtual) gaggeeffamu hirmaachuu yoo hin dandeenye ta’e, seensiftuun (link) qorannoo misooma piroojektii keenyaa kan ittiin galtee fi duub-deebii keessan misooma kanarratti ittiin fudhachuu dandeenyu kunooti: https://bit.ly/3Otd26n. Maaloo odeeffannoon funaanamu kamuu hawaasaaf ifa godhamuu kan danda’u ta’uu hubadhaa. Waan haaraa hundaa fi yeroofi bakka walgahii hirmaannaa hawaasaa misooma kanaan walqabatan hunda: https://mtbakerhousing.org/comment_forms/newhousing/

irraa dubbisuu fi argachuu dandeessu.

Nagaa Wajjin,

Alisha Dall’Osto

 

**Community Meeting Date & Time: Jul 21, 2022 07:00 PM Pacific Time (US and Canada)**

Development: “9236 Renton Ave S, Seattle, WA” COMMUNITY MEETING

Join Zoom Meeting

https://us02web.zoom.us/j/85180175786?pwd=uO7L2UzRSoRaNesrThMcmgowMIQQ41.1

Meeting ID: 851 8017 5786

Passcode: 851816

Yaadonni dhiyaatan akka yaada ummataatti ilaalamanii ummataaf ni ibsama.


Languages